Waa'ee Waajjira Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa

Waa'ee Waajjira Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa

Waajjira Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa

Haala Waliigalaa Hundeeffama, Aangoo fi Gahee Hojii fi Caaseffama Waajjirichaa

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa manneen hojii mootummaa naannoo Oromiyaa sadarkaa Godinaatti gurmaa'anii caaseffaman keessaa isa tokkodha. Haalli hundeeffamaa, gurmaa'inaa, hojmaataa fi raawwii hojii Mana Hojii Abbaa Alangaa akka waliigaala naannoo Oromiyaattis ta'e akka Godina Wallagga Lixaatti bara 1986 irraa eegalee yommuu ilaalamu seenaa dheeraa kan qabuu fi bu'aa bahii hedduu kan keessummeessedha. Haa ta'uutii ammaaf seenaa duubaa Manichaa hunda asitti tarreessuun mijataa ta'uu baatus waa'een Waajjirichaa muraasni hubannoof akka tolutti gabaabinaan dhiyaateera. 

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa kanaan dura (bara 1998 irraa eegalee hanga bara 2011tti) Waajjira Haqaa jedhamee waamamaa kan ture yoo ta'u labsiiwwan gurmaa’ina, gahee fi aangoo qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin hundeessuuf bahaa turan — labsii lakk.105/1998, labsii lakk.132/2000, labsii lakk.160/2003, labsii lakk.163/2003 fi labsii lakk.199/2008 — keessatti gahee fi aangoo hojii Biiroo Haqaa Oromiyaa duraaniif kenname galmaan ga’uuf hojjechaa kan turedha. Bara 2011 irraa eegalee ammoo bu'uura labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hundeesuuf bahe labsii lakk. 2014/2011tiin Mana Hojii Abbaa Alangaa jedhamuun kaayyowwan Heeraa fi sirna Heeraa kabajuu fi kabachiisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, seera yakkaa kabachiisuu, dantaa hariiroo hawaasaa mootummaa fi uummataa kabachiisuu jedhan qabatee bifa haaraan gurmaa’ee jira. Labsii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin gurmeessuu, gahee fi aangoo isaanii murteessuuf bahe lakk.242/2015 keessattii ammoo mana hojii kanaaf, sadarkaa Naannootti Biiroo Abbaa Alangaa Waligalaa, sadarkaa Godinaa fi Aanaatti ammoo Waajjira Abbaa Alangaa maqaan jedhu mana hojii kanaaf kennamee argama.

Waajjirichi qaamaa fi caasaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa ta'uun Bulchiinsa Godina Wallagga Lixaa keessatti gahee fi aangoo hojii Biirichaaf seeraan kenname hojiirra oolchuu fi kaayyoo fi ergama Biirichaa galmaan gahuuf Biiricha bakka bu'ee hojjetudha. Itti waamamni Waajjirichaas Mana Maree Bulchiinsa Godinichaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiifidha. Labsii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin gurmeessuu, gahee fi aangoo isaanii murteessuuf bahe lakk.242/2015 kwt 59 (1/h) jalatti Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godinaa miseensa Mana Maree Bulchiinsa Godinichaa ta'uun kaa'amee jira. Haa ta'u malee haalli muudama hooggansa Waajjirichaa kan hooggansa manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa biroo irraa addadha. 

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa itti gaafatamummaa fi gahee hojii seeraan kennameef bahachuu fi hojiirra oolchuuf, akkasumas tajaajila kennu dhaqqabamaa taasisuu fi dhiyeenyaan uummata tajaajiluuf Aanaalee Godinichaa hunda keessatti caasaa hundaa'e of jalaa kan qabu yoo ta'u sadarkaa Waajjira Godinaatti ammoo Adeemsaalee Hojii 6 fi Gareewwan Hojii 19, Itti Gaafatamaa dabalatee gitoota hojii humna namaa 124 (ogeessota muudamaa 79 fi hojjetoota bulchiinsaa 45) gaafatuun caaseffamee jira. Akkaataan hojii, gurmaa'inaa fi caaseffama Waajjirichaa, Waajjirichi manneen hojii qaama raawwachiiftuu biroo irraa amala addaa ta'e akka qabaatu dhimmoota taasisanii fi agarsiisan keessaa isaa guddaa tokkodha. Kunis karaa tokko, akkuma olitti ibsame, haalli muudama hooggansa Waajjirichaa adda ta'uudha. Akkaataa labsii lakk.242/2015, kwt 59(8) fi Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa lakk.218/2013, kwt 23(1)tiin Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godinaa Abbaa Alangaa Waliigalaatiin dhiyaatee Gumii Waliigalaa Bulchiinsa Abbootii Alangaa Oromiyaatiin kan muudamu ta’uu isaati. Itti waamamni isaas Abbaa Alangaa Waliigalaatiif akka ta'e Dambii lakk. 218/2013, kwt 23(1) jalatti kaa'ameera. Gama biraan ammoo, Waajjirichi Abbootii Alangaa fi muudamtoota biroo Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa lakk.218/2013 tiin bulanii, fi hojjattoota bulchiinsaa biroo akkaataa seera bulchiinsa hojjattoota mootummaa labsii lakk.215/2013 tiin bulaniin kan gurmaa'e ta'uu isaati. Yeroo ammaa kanas Waajjirichi baay'ina humna namaa caasaan hayyamameef 124 keessaa humna namaa 47 (Abbootii Alangaa 21 fi hojjettoota bulchiinsaa Siivil Servaantii 26) qofaan ergama, mul'ataa fi duudhaalee armaan gadii qabatee hojjechaa jira. 

Ergama (Mission)

Namoota heeraa fi seera darbanii fi gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa fi haqa qabeessa ta’e itti kennisiisuun olaantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu, dantaa hariiroo hawaasaa uummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa ta’e galmeessuu, hubannoo seeraa hawaasichaa gabbisuu, seerotni bifa wal fakkaatuun hojiirra akka oolan taasisuudha.

Mul'ata (Vision)

Tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuun sirna haqaa amantaa uummataa horate uumuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuudha.

Duudhaalee (Core Values)

Olaantummaa seeraa,
Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu,
Bilisummaa ogummaa,
Itti gaafatamummaa,
Iftoomina,
Hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbuu,
Fakkeenyummaa,
Hirmaachisummaa,
Tajaajila gahumsa qabu kennuu,
Jijjiiramaaf qophaa’uu fi hojjechuu,
Beekumsaa fi amantaan hoogganuu,
Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
Aadaa gareen hojjechuudha.

Waajjirichi Hojiiwwan Akkam Akkamii Hojjeta? 

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa gahee fi aangoo seeraan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaaf kennameen Godinicha keessatti olaantummaa heeraa fi seeraa mirkaneessuuf, mirgoota namoomaa fi dimokiraasii lammiileen heeraa fi seeraan gonfatan kabachiisuuf, namoota gocha seeraan alaa fi yakkaa jiraattotaa fi hawaasa irratti raawwatan seeratti dhiyeessuun akka gaafataman gochuuf, dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa kabachiisuuf, hordoffii fi to'annoo buufataalee Poolisii fi Mana Amala Sirreessaa geggeessuun kabajamuu mirga namoota yakkaan shakkamanii to'atamanii, himatamanii fi murtii adabbiin hidhamanii mirkaneessuuf, qaamolee mootummaa Godinichaa fi dhimmoota dantaa hawaasa waliigalaa fi mootummaan walqabatan irratti gorsaa fi deggarsa ogummaa seeraa kennuuf, hubannoo seeraa uummataa cimsuuf, tajaajila seeraa mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaan walqabatu kennuuf, akkasumas kutaalee hawaasaa saaxilamoo fi harka qalleeyyii mirgaa fi faayidaa isaanii kabachiifachuu hin dandeenyeef deggarsa tajaajila seeraa kennuufiif ykn deggarsa tajaajila seeraa bilisaa akka argatan gochuuf xiyyeeffannaa kennee hojjeta. 

Gama biraan ammoo, Waajjirichi Abukaatota, barreessitoota iyyannoo dhimma uummataa Godinicha keessatti hojjetan ni hordofa, ni to'ata, ni deeggara, bakka rakkoon jirutti tarkaanfii ni fudhata, akka fudhatamu ni taasisa. Dhaabbilee tola ooltummaa fi bu'aa maleeyyiin Godinicha keessa socho'an akkaataa seeraa fi kaayyoo hundeeffamaniin hojjechuu isaanii qaamolee biroo dhimmi ilaalu waliin ta'uun hordoffii fi to'annoo ni geggeessa, bakka rakkoon jirutti tarkaanfii seeraa ni fudhata, akka fudhatamu ni taasisa. Haala tajaajilli deggarsa seeraa bilisaa kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii fi galii xiqqaa qabaniif itti kennamuu danda’u irratti qaamolee adda addaa waliin qindoomuun ni hojjeta, ogeessotni seeraa fi dhaabbileen adda addaas hojii kana akka hojjetanii fi tumsaniif ni jajjabeessa; namoota dhuunfaa fi dhaabbilee tajaajila deggarsa seeraa bilisaa hawaasaaf kennaa jiranis ni hordofa, ni deggara, raawwii hojii isaanii ni qindeessa. 

Kana malees, hojii bulchiinsa Waajjira Abbaa Alangaa sadarkaa Godinaa fi Aanaalee Godinichaa ilaallatan ni hooggana, ni hordofa, ni deeggara, bakka barbaachisaa ta'ettis tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata, akka fudhatamus ni taasisa; raawwii hojii waliigalaa Abbaa Alangaa Godinichaa ni gamaggama, ni madaala, kallattii ni kenna, ni qindeessa, qaama ilaallatuufis ni gabaasa.

Design Credit: Bakka Bu'aa Hojii Dhimmoota Kominikeeshinii WAAGWL
Teessoo Waajjirichaa 

Waajjirichi Magaalaa Gimbii, Ganda 02, Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Adiveentistii fuula dura, Mana Murtii Olaanaa Godina Wallagga Lixaa cina mirgaatiin, qarqara daandii asfaaltii irratti argama.

Quunnamaa

Bilbila: 057-771-0565/0836/2349

Email: abbaa.alangaa.wl@gmail.com

L.S.P.: 263

Toora Miidiyaalee Hawaasaa Waajjirichaa

Facebook | Telegram | Instagram | Twitter

https://prnt.sc/Z5GrHSdySf15